Waldaan Aksiyoona Geejjibaa Ityoo- Jibuutii Istaandard Geej buufataalee Kenniinsa tajaajilaa 5 bane

Finfinnee, Gurraandhala 14, 2014 (FBC) – Waldaan Aksiyoona Geejjibaa Ityoo- Jibuutii Istaandard Geej buufataalee Kenniinsa tajaajilaa dabalataa  5 bane.

Dhaabbatichi kanaan dura tajaajila geejjiba baaburaa magaalaa Finfinnee hanga Jibuutiitti buufataalee 14 kan qabu yoo ta’u buufataalee dabalataa 5 banuun gara 19tti guddisuu ibsameera.

Buufataalee kanneen dabaluun waliin gahiinsa tajaajilaa bal’isuuf ta’uu hojii gageessaa olaanaan Waldichaa obbo Xilaahuun Saarkaa ibsaniiru.

Buufataaleen dabalaman kunneen jiraattota aanaalee fi magaalota Finfinnee fi Jibuutii gidduu jiraniif tajaajila geejjibaa baaburaa akka argataniif haala mijataa kan uuman ta’uu kaasaniiru.

Buufataaleen kunneen guyyaa har’aa irraa eegalee tajaajilaaf banaa ta’uu addeessameera.

Sirnicharratti Ministira Ministera Geejjibaa fi Loojistikii aadde Daagmaawit Mogas, Ityoophiyaatti Ambaasaadara Chaayinaa Chaawoo Chiiyuwaan dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoon argamaniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment