Waldaan Abukaatota Oromiyaa hongee godinaalee Oromiyaa tokko tokkotti muudateef deeggarsa Birrii miiliyoona 2.1 taasise

Finfinnee, Gurraandhala 4, 2014 (FBC)- Waldaan Abukaatota naannoo Oromiyaa Qindeesummaa Biiroo Abbaa Alangaa Oromiyaatin lammiilee Godina Baalee, Baalee bahaa fi Booranatti ho\ongeen miidhamaniif Birrii  miiliyoona 2.1 walitti qabuun deeggarsa midhaan nyaataa daakuu kuntaala 700 taasisaniiru.

Waldichi mata duree  ‘lammitu lammiif dhaqqaba’ jedhun lammiilee sababa hanqina roobatin hoongeef saaxilaman qabeenya,beekkumsa fi humna qabnuun uummata keenya rakkoo keessaa baasun dirqama keenya jechuun marsaa duraatif deeggarsa kana taasisaniiru.

Gara fuula duraattis hanga uummanni dandamatuutti kan itti fufamu ta’uu preezdaantin waldaa Abukaatota Oromiyaa Dooktar Dajanee Girmaa ibsaniiru.

Itti aantuu Biiroo Abbaa Alangaa waliigala Oromiyaa Aadde Fiqir Zalaalam gamasaanitin, Biiroon Abbaa Alangaa naannoo Oromiyaa sirna bulchiinsa haqaa lafa qabsiisuu fi dhugaa uummata baasuf hojjachaa kan jiru ta’uu ibsuun yeroo uummanni rakkoo uumamaa fi namtolcheen miidhamutti kallattii garagaraatin deeggaruuf cimsee hojjachaa jiraachaa himuusaanii ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarra argame ni muul’dhisa.

Haaluma walfakkatuun Hawaasni Godina Jimmaa miidhaa sababa hongeetiin Godinaalee Baalee fi Baalee Bahaatti qaqqabaniif deeggarsa midhaan nyaataa kuntaala 3,800 fi nyaata horii deeggarsa taasisaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment