Waldaan Abbootii Qabeenya Hoteelota Magaalaa Bishooftuu Diyaaspooraa gara biyyaa dhufan simachuuf qophii ta’uu ibsan

Finfinnee, Muddee 15, 2014 (FBC)-Waldaan Abbootii Qabeenya Hoteelota Magaalaa Bishooftuu Diyaaspooraa gara biyyaa dhufan simachuuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Waamicha Muummichi Ministeeraa  Abiy Ahmad lammiilee Ityoophiyaa biyya Alaa jiraatanii fi jaallattoota biyyattiif taasisan sababeeffachuun simannaa taasifamuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa qophiilee barbaachisan taasisaa jiraachuu jira.

Koreen Olaanaa sagantichaa guyyaa har’aa Waldaa Abbootii Qabeenya Hoteelota Magaalaa Bishooftuu waliin marii gaggesseera.

Marii kana irratti kan argaman Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Usmaan akka jedhanitti Naannoon Oromiyaa simannaa diyaaspooraa ilaalchisee hojiiwwan sadarkaa Naannootti hojjetamuu qaban adda baasuun hojii qabatamaatti seenamuu ibsaniiru.

Haaluma walfakkaatuun dhaabbileen Tajaajila Turistii Magaalaa Bishooftuutti argaman keessummoota dhufan simachuun tajaajila isaan irraa eegamu kennuu akka qabanis dhaamaniiru.

Marii kana irratti simannaa taasifamuu qabuu fi kenninsa tajaajila Dhaabbilee Turizimii ilaalchisuun I/A/Hogganaa Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa obbo Hundee Kabbadaa Waraqaa marii dhiyeessaniin, Magaalaan Bishooftuu iddoowwan gahumsa turistii hedduu qabduu fi magaalaa turistiif mijattuu ta’uu ibsuun maqaashee kana caalmaatti eeggachuuf tajaajila si’ataa fi qulqul’ina qabu kennuun murteessaa ta’uu ibsuu ragaan Biiroo Dhimmoat Kominikeeshinii Mootummaarra argamee ni muul’dhisa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment