Finfinnee, Hagayya 6, 2013 (FBC) – Waldaaleen Siiviikii Ityoophiyaa shira garee shororkeessaa ABUT qolachuuf ga’ee isaanirraa eeggamu ba’uuf qophii ta’uu ibsaniiru.
Waldaaleen kunneen haleellaa suukanneessaa garichi naannoo Afaariitti lammiilee nagaarratti raawwate kan balaaleeffatan ta’uu himaniiru.
Waldaan Beektoota Ityoophiyaa, Federeeshiniin Dubartoota Ityoophiyaa fi Dargaggootaa Waamicha Waajjirri Muummee Ministiraa FDRI dhiyeesse fudhachuun biyya baraaruuf qophii ta’uu ibsa laataniin eeraniiru.
Hawaasni olola sobaa gareen shororkeessaa kun tamsaasuun akka hin burjaajofne odeeffannoo sirraa qaqqabsiisuurratti hojjechuuf qophii ta’uu Preezdaantoonni Waldaalee kanneenii ibsa laataniin himaniiru.
Kaayyoo Shira biyya diiguu garee ABUT qolachuuf murannoon kan hojjetan ta’uu dubbataniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.