Waldaaleen Hojii Gamtaa Shamattoota bu’uuraa magaalaa Finfinnee Raayyaa Ittisaaf deeggarsa taasiisan

Finfinnee, Hagayya 19, 2013 (FBC) – Waldaaleen Hojii Gamtaa Shamattoota bu’uuraa magaalaa Finfinnee Raayyaa Ittisaaf Birrii Miiliyoona 15 deeggarsa taasiisaniiru.
 
Hoggantoonni fi hojjettoonni Ejansii Waldaalee Hojii Gamtaa, Kutaalee magaalaa fi waajjira aanaalee Raayyaa Ittisaaf dhiiga arjoomaniiru.
 
Waldaaleen Hojii Gamtaa Shamattoota bu’uuraa magaalaa Finfinnee 148 ta’an Raayyaa Ittisaaf Birrii miiliyoona 15 akaakuu fi meeshaleen deeggarsa taasiisu Daayreektarri olaanaan Ejansii Waldaalee Hojii Gamtaa magaalichaa obbo Wubnahi Immiruun eeraniiru.
 
Hoggantoonnii fi hojjettoonni kunneen mindaa ji’aa guutuu Raayyaa Ittisaaf deeggarsa taasiisuu himaniiru.
 
Waldaaleen kunneen deeggarsa eegalan cimsanii kan itti fufan ta’uu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
 
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
 
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment