Waldaaleen Hojii Gamtaa muuxannoo hojii fi aadaa gamtaan hojjachuu babal’isuuf qooda olaanaa qabu – Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Amajjii 30, 2016 (FBC) – Egzibiishinii, Baazaariifi Simpooziyeemii Waldaalee Hojii Gamtaa 10ffaan banameera.

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeefi Ministirri Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen, Egzibiishinii, Baazaariifi Simpooziyeemii Waldaalee Hojii Gamtaa kana jalqabsiisaniiru.

Waldaaleen Hojii Gamtaa muuxannoo hojii fi aadaa gamtaan hojjachuu babal’isuu keessatti qooda olaanaa qabaachuu Kantiibaan Magaaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen ibsaniiru.

Waldaaleen hojii gamtaa kaayyoo hundaa’aniif hundeessurratti hanqina qabaachuu Aadde Adaanach eeraniiru.

Waldaaleen Hojii qaala’iinsa gabaa tasgabeessuu keessatti gahee bahachaa jiran cimsanii itti fufuu akka qaban Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amnateen hubachiisaniiru.

Egzibiishinii, Baazaariifi Simpooziyeemiin Komishiniin Waldaaleen Hojii Gamtaa Itiyoophiyaa fi Magaalaa Finfinnee tumsaan qopheessaan kun guyyoota jahaaf kan turu ta’uu ibsameera.

Namoonni kumni 100 ol ni daawwatuun kan eegamu ta’uu eerameera.

Barakat Takkaalinyitu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment