Waldaaleen Hojii Gamtaa hojii baay’ina isaanii madaalu hojjechaa hin jiran jedhame

Finfinnee, Sadaasa 24, 2016 (FBC) – Waldaaleen Hojii Gamtaa hojii baay’ina isaanii madaalu hojjechaa kan hin jirre ta’uu Komishiniin Waldaalee Hojii Gamtaa Itiyoophiyaa beeksise.

Komishinichi guyyaa qusannnaa fi liqaa Waldaalee Hojii Gamtaa Idil Addunyaa Sadaasa 27, 2016 kan kabaju ta’uu ibseera.

Guyyichi akka addunyaatti yeroo 75ffaaf, akka Itiyoophiyaatti ammoo yeroo 2ffaaf kan kabajamu ta’uu eereera.

Itiyoophiyaatti Waldaaleen Hojii Gamtaa Qusannaa fi Liqaa kumni 23 ol jiraachuu himeera.

Dhaabbileen kunneen miseensota miiliyoona 8 kan qaban yoo ta’uu, Kaappitaala Birrii biiliyoona 50 ol walitti qabachuu komishinichi ibsa baaseen himeera.

Waggaan Liqaa Birrii biiliyoona 15 dhiyeessuuf dandeettii qabaachuu ibseera.

Waldaaleen Hojii Gamtaa Itiyoophiyaa keessa jiran hanga baay’ina isaanii hojii hojjechaa kan hin jirre ta’uu Itti Aanaan Komishinaraa Komishinichaa Obbo Shiisammaa Gabrasillaaseen ibsuu ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment