Waldaaleen gamtaa Siiviilii Ityoophiyaa taajjabdoota filannoo kuma 3 bobbaasuuf qophaa’e

Finfinnee, Gurraandhala 11, 2013 (FBC) – Waldaaleen gamtaa Siiviilii Ityoophiyaa taajjabdoota filannoo kuma 3 bobbaasuuf qophaa’uu beeksiiseera.
Waltajjiin marii Komishiniin mirga namoomaa Ityoophiyaa fi Dhaabbilee gamtaa mirga namoomaa Ityoophiyaa waliin qopheessan Filannoo fi mirga namoomma jedhu magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera.
Bakka buutoonni Waldaalee Siiviikii fi dhaabbilee mirga namoomaa maricharratti hirmaataniiru jedhame.
Biyyattiitti waldaalee Siiviilii 170 kan hammate Gamtaan Waldaalee Siiviikii Ityoophiyaa Filannoo marsaa 6ffaa barana gaggeeffamu taajjabuuf qophii xummuruu beeksiiseera.
Godinaalee 83 fi bulchiinsa magaaloota 2 keessatti guyyaa filannoo taajjabdoota kan bobbaasu ta’uu ibseera.
Qophii filannoo duraaf taajjabdoota 250, wayita filannoo taajjabdoota kuma 1 fi 250, taajjabdoota socho’uun taajjabaan 500 kan bobbaasuu ta’uu ifoomseera.
Filannoo dura Afaanoota 5 niin miidiyaalee garaagaraan Filannoorratti barnoota kan laatu ta’uu himeera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment