Waldaa Barsiisotaa Magaalaa Finfinneef lafatti kaaree meetira kuma 3 ol qophaa’eef

 

Finfinnee, Caamsaa 1, 2013 (FBC) – Hojiin ijaarsa Hospitaalaafi gamoo hunda galeessaa Waldaa Barsiisotaa Magaalaa Finfinnee eegale.

Kantiibaan Ittaantuu Magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee hojii ijaarsa hospitaala fi gamoo hunda galeessaa Waldaa Barsiisotaa Magaalaa Finfinnee eegalchiisaniiru.

Aadde Adaaneech Waldaan Barsiisotaa Magaalaa Finfinnee gamoo hunda galeessa kana ijaaruuf karoorfachuunsaa kan galateeffamuu fi jajjabeeffamuu qabuudha jedhanii, bulchiinsi magaalichaas deeggarsa barbaachisaa kan taasisu ta’uus himaniiru.

Waldichaaf bulchiinsi magaalaa lafa kaaree kuma 3 fi 600 liiziin bilisa qopheessera.

Maddi:- Pirees Seekireeteriyaatii Magaalaa Finfinneetti

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment