Walakkeessa Baatii Sadaasaa eegalee deeggarsi midhaan nyaataa Meetirik Tooniin kumni 64 Naannoo Tigraayi qaqqabe – DhMG

Finfinnee, Sadaasa 30, 2015 (FBC) – Walakkeessa Baatii Sadaasaa eegalee deeggarsi midhaan nyaataa Meetirik Tooniin kumni 64 Naannoo Tigraayi qaqqabuu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii beeksise.

Mootummaan Ityoophiyaa dhaabbilee deeggartootaa waliin ta’uu Walakkeessa Baatii Sadaasaa eegalee deeggarsa midhaan nyaataa Meetirik Toonii kuma 64 Naannoo Tigraayi qaqqabsiisuu dhaabbatichi ifoomseera.

Kaaba biyyattiitti lammiilee sababa waraanaan miidhamaniif deeggarsi yeroo ariifachiisaan kanneen akka Midhaan nyaataa, Qorichaalee fi meeshaleen nyaataan Geejjiba Lafarraa fi qilleensarraan dhiyaachuu itti fufuu eereera.

Guyyaa kaleessaa talaalliwwan miiliyoonni 1.4 magaalaa Maqalee ga’uu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti dhaabbaanni deeggarsa daa’immaanii Ityoophiyaa ibseera.

Talaalliin kunis daa’immanii fi haadholii kuma 50 oliif talaallii idilee laachuuf kan dandeessisu ta’uu ragaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti dhaabbaata deeggarsa daa’immaanii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment