Walakkaa waggaatti dameen Albuuduu dachaan guddachuu ibsame

Finfinnee, Amajjii 20, 2013 (FBC) – Walakkaa Waggaa bara 2013 dameen Albuudaa karoora isaa dachaan kan milkeesse yoo ta’u Indaastirii fi qonnis raawwii gaarii galmeessuu himame.
Walakkaa Waggaa bara 2013 dameen Albuudaa karoora isaa dhibbeentaa 198, Indaastiriin 88, Qonni 76 karoora isaanii raawwachuu Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii beeksiseera.
Ministeerichi dhaabbilee waamamtootaa waliin raawwii hojii baatii jahaan darbanirratti mari’ataniiru.
Maricharatti gabaasni raawwii hojii baatiwwan 6n darbanii dhiyaachuun irratti mari’atameera.
Karoorri galii daldalaa alaa % 90 milkaa’uu ibsameera. Midhaan Zayita, % 132, Uffataleen %127, Jimaan %106 karoora ol raawwatamaniiru.
Gama biroon daldalli bu’aalee gogaa % 62, Horii dhaabbii % 64, Foonii %66 raawwii gadi aanaa galmeessuu isaanii Ragaan Ministeera Daldalaa fi Indaastiriirraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment