Walabummaan bulchiinsaa jiraachuu dhabuun guddina yuunivarsiitiiwwaniirratti dhiibbaa uumeera-Pirofeesar Xaasawu Waldahaannaa

Finfinnee, Bitootessa 30, 2015 (FBC)- Walabummaan bulchiinsaa jiraachuu dhabuun guddina yuunivarsiitiiwwaniirratti dhiibbaa uumuu Pireezidaantiin yuunivarsiitii Finfinnee Pirofeesar Xaasawu Waldahaannaa dubbatan.

Ofiin of bulchuu yuunivarsiitichaa ilaalchisee mariin Magaalaa Bishooftuutti gaggeeffameera.

Mariichaarratti Pirofeesar Xaasawu haasawaa taasisaniin, Yuuivarsitiiwwanitti baroota darban walabummaan akkaadamiikii akka rakkootti kan ilaalamu ta’uu baatus walabummaan bulchiinsaa garuu guddina yunivarsiitiiwwaniif gufuu ta’ee turuu ibsan.

Yuunivarsitoonni ofiin akka of bulchan ta’uun murteessaa ta’uu eeruun, yuunivarsitootaa sadarklaa idil addunyaattii beekaman kan dhimmoota biyyaarratti yaada maddisiisan, qorannoo gaggeessan horachuuf murteessaa ta’uu dubbataniru.

Yuuivarsiitiiwwan akka of bulchaniif haalota dandeessisanirratti wixineen labsii qophaa’ee Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf kan ergame yoo ta’u, mariin gaggeeffame wixinichaaf galtee walitti qabuuf ta’uun ibsameera.

Taarikuu Laggaasaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment