Walaayittaa Sooddoo fi Diillaatti mariin ummataa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Guraandhala 7, 2016 (FBC) – Naannoo Kibba Itiyoophiyaa magaalaa Walaayittaa Sooddoo fi Diillaatti mariin ummataa gaggeeffamaa jira.

Mariin kun mata duree “Obbolummaa sabdaneessaa nageenya waaraa fi badhaadhina hunda galeessaaf”jedhuun gaggeeffamaa jira.

Ministira Ministeera Magaalaa fi Bu’uraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saanii dabalatee hoggantoonni Olaanoon Mootummaa Federaalaa fi naannolee maricharratti hirmaachaa jiru.

Waltajjiin kun gaaffiin ummataa kallattiin qaama dhimmi ilaallatuuf akka qaqqabuuf waltajjii qophaa’e ta’uu ibsameera.

Rakkoolee jiran furuun Imala badhaadhinaa eegalame itti fufsiisuuf waltajjii kun murteessaa ta’uu Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saaniin eeraniiru.

Ashabbir Kaasahuunii fi Abbabach Keeshaamootu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment