Walaayittaa Magaalaa Sooddootti namoota jireenya isaanii dandirra taasifatan hojiin daandirraa kaasuu raawwatame

Finfinnee, Eebila 3, 2012 (FBC)- Walaayittaa Magaalaa Sooddootti namoota jireenya isaanii dandirra taasifatan 700 ol weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf jecha hojiin daandirraa kaasuu raawwatame.

Lammiilee jireenya isaani daandirra taasifatan gargaaruuf Yuunvarsiiti Walaayittaa Sooddoo, Kolleejjii Qonnaa, Barnoota fi Oogummaa Sooddoo fi qaamoleen biroo deeggarsa taasisuu isaani Kantiibaan magaalaa Sooddoo obbo Yaalaw Geetaachaw ibsaniiru.

Yuunvarsiiti Walaayittaa Sooddoo gama isaan lammiile jireenya isaanii daandirra godhatanii kan oolu deeggarsa Birrii miiliyoona 2 ol, firaashi 1000, barbaree kuntaala 12, missira kuntaala 25 ol fi xaafii kuntaala 230 akka laatu waadaa galeera.

Comments (0)
Add Comment