Wal amantaa ummattootaa barootaaf ijaarame diiguuf tattaaffiiwwan mul’atan Ityoophiyaanonni hubachuu fi fashaleessuu qabu jedhame

Finfinnee, Caamsaa 19, 2014 (FBC) – Wal amantaa ummattootaa barootaaf ijaarame diiguuf tattaaffiiwwan mul’atan, Ityoophiyaanonni hubachuu fi fashaleessuu akka qaban hayyoonni waamichaa dhiyeessan.

Barsiisaa Saayinsii Siyaasaa Obbo Dagguu Asras, mootummaan haqa mirkaneessuun lammiileen walqixa fayyadamtootaa akka ta’an hojjechuun, wal dhiibuun akka bakka hinqabaannee fi yaadonni fiinxaalessummaan akka hinbabal’anne gochuu qabu jedhaniiru.

Dabalataanis hawaasa waliigalaan fiinxaalessummaan farrajuun akka malee madaaluurraan waan ta’eef, hawaasa nagaan jiraatu akka hinjeeqamneef eeggannoon taasifamuu qabas dubbataniiru.

Qorataa fi Barsiisaa Saayinsii Siyaasaa fi Hariiroo Idil Aduunyaa Yuunivarsitii Dirree Dhawaa Suraafeel Geetaahuun gamaa isaaniin, baroota dheeraaf qabeenya hawaasummaa diiguudhaan walamantaan hawaasa gidduu akka hinjiraanneef hojiilee hojjetamaan fashaleessuun tattaffii barbaachisaa jedhaniiru.

Yeroo ammaa diinonni keessaa fi alaa haalota jiran tilmaamuun dhabamuu tasgabbii mul’atu fayyadamuun fedhii siyaasaa isaanii guuttachuuf dhama’aa jiru jedhaniiru. Hawaasnis ajandaawwaan akkanaarraa of qusachuu qabas dhaaman.

Haayimaanot Wandiraaditu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment