Waktii Gannaa keessa manneen harka qalleeyyii kuma 3 fi 400 haaromsuuf karoorfame – Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Caamsaa 1, 2014 (FBC) – Waktii Gannaa keessa manneen harka qalleeyyii kuma 3 fi 400 haaromsuuf karoorfame hojiitti galamuu Kaantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen ibsan.

Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad haaromsa manneen harka qalleeyyii saganataa gannaa eegalchiisaniiru jedhan.

Kallattii isaan kaa’aniin bulchiinsi magaalichaa Waktii gannaa manneen harka qalleeyyii kuma 3 fi 400 haaromsuuf karoorfatee hojiitti galee jira jedhan Aadde Adaanach.

Qaamoleen hundi waan danda’an hundaan deeggarsa barbaachisu akka taasiisan Fuula Miidiyaa Hawaasummaa isaaniin waamicha dhiyeessaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment