Gannaa hanqinni sukkaaraa akka hin muuddanneef hojjetamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2012 (FBC) – Waktii gannaa hanqinni dhiyeessii sukkaaraa akka hin muuddanneef kuntaalli miiliyoonni 3.1 of eeggannoof kuufamaa jiraachuu himameera.
 
Ganna bara kanaa keessaa warshaaleen sukkaaraa gara suphaatti waan galaniif Baatii Onkololeessaa bara 2013 hanqinni dhiyeessuu sukkaaraa akka hin muuddanneef qophiin barbaachisu taasifamuu hojii raawwachisaa olaanaan Koorpooreeshinii Sukkaaraa obbo Wayyoo Roobaa Faanaa Broodkaastiing Koorpooreetif himaniiru.
 
Sukkaarri kuntaalli miiliyoonni 1.1 kuusaa keessatti kan argamu yoo ta’u, kuntaala miiliyoona 2 yeroo dhiyootti alaa galchuuf hojjetamaa jira jedhan.
 
Hojiin kuusuu amma hojjetamaa jiru kan wayita waarshaalee suphaaf hojii dhaaban hanqinni dhiyeessuu akka hin muuddanneef ni gargaara jedhan obbo Wayyoon.
 
Warshaaleen sukkaaraa dandeettii oomishtummaa isaanii akka dabalaniif hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.
 
Akka fakkeenyaatti warshaan sukkaaraa Fincaa’aa bara kana kuntaala miiliyoona 1.1 oomishuu danda’eera jedhan.
 
Warshaaleen biroos raawwiin isaanii bara kana kan bara darbeen yoo madaallame fooyya’aa ta’uu himaniiru
 
Kana dura wayita warshaaleen haaroomsaaf oomisha dhaaban sukkaarri alaa gala ture kuntaala miiliyoona 3 ture, bara kana garuu humna oomishtummaa guddisuun sukkaarri alaa galuu gara kuntaalaa miiliyoona 2 tti gadi bu’eera jedhan obbo Wayyoon.
 
Koorpooreeshiniin Sukkaaraa bara kana dandeettii oomishtummaa dabaluuf suphaa warshaalee, mashinoota qonnaa fi jallisii raawwachuuf qophii xumureera jedhame.
 
Fedhii fi dhiyeessii sukkaaraa walsimsiisuuf hojii hojjetmu cinaatti warshaaleen weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf tattaaffii olaanaa taasisaa akka jiranis himameera.
Taarikuu Addunyaatu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment