Waggoottan shanan dhufani fedhii oomisha sukkaaraa oomisha biyya keessaan bakka buusuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 5, 2015 (FBC)- Waggoottan shanan dhufanitti fedhii oomisha sukkaara guutummaatti oomisha biyya keessaatiin bakka buusuuf hojjechaa jiraachuu Gareen Industirii Sukkaaraa Ityoophiyaa beeksise.

Itti Gaafatamaan Kutaa Quunnamtii Ummataa fi Hirmaannaa Hawaasaa garichaa Rattaa Dammaqaa akka jedhanitti, oomishni sukkaara biyya keessaa fi fedhii jiru walgituu hindandeenye.

Kana hordofee dhiyeessii fi fedhii jiru walsimsiisuuf bara 2014 gareen indaastirii sukkaaraa Ityoophiyaa irraa deebiin hundaa’ii ibsan.

Haaluma kanaan bara 2020 irraa eegalee fedhii oomisha ukkaaraa kan biyya keessan bakka buusuun omisha alaa galu hambisuuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Warshaaleen shonkoraa ofiin misoomsanitti dabalataan qonnaan bultoonnii fi waldaaleen naannawaa isaanii kan misoomsan bituun galteef itti fayyadamuun akka jiru ibsaniiru.

Waggootaan shanan dhufanis oomisha sukkaaraa yeroo ammaa kuntaalaa miiliyoona 3 fi kuma 640 gara kuntaala miliyoona 13tti guddisuuf karoorri qabamuu kaasan.

Biyyattiitti yeroo ammaa warshaaleen Sukkaaraa Kasam, Wanjii Shawaa, Arjoo Dhidheessaa, Kuraaz 02, Kuraaz 03, Balas Lakkoofsa 1, Matahaaraa fi Fincaa’aan hojjechaa jiraachuu Tajaajilli Oduu Ityoophiyaa gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment