Waggoottan kurnan dhufanitti manneen jireenya waliinii magaalaa miiliyoonni afurii ol ni ijaarramu

Finfinnee, Adooleessa 12, 2012 (FBC) – Ministeerri Misooma Magaalaa fi Konistiraakshiini Ityoophiyaatti waggoottan kurnan dhufanitti manneen jireenya waliinii magaalaa miiliyoona afurii ol ijaaruuf karoorsuu beeksise.

Hayyoonni damicha manneen ijaarraman karaa haqa qabeessa ta’een jiraattotaaf akka dhiyaatuf sirni foyya’aan diriiruu qaba jedhaniiru.

Ministirri Ministeera Misooma Magaalaa fi Koonistiraakshinii Injiinar Ayishaa Mahaammad, dameen misooma magaalaa karoora waggaa 10 dhiyeessuun hayyoota damichaa waliin marii taasiseera jedhan.

Ministirittin maricharratti haasawa taasisaniin, karoorichi jiraattota magaalaaf carraa hojii uumuu, manneen jireenyaa fi bu’uuraalee misoomaaf dursa ni laata jedhaniiru.

Ityoophiyaatti lakkoofsi jiraattoota magaalaa miiliyoona 24 ol ta’u ibsun, hanga bara 2022 itti lakkoofsichi gara miiliyoona 40 guddachuun ummanni %35 ta’an  jiraattoota magaalaa ni ta’u jedhaniiru.

Ta’us magaaloota Ityoophiyatti hanqina mana jireenya  furuu fi rakkoo hanqinichaa fooyyeessu mootummaan  abbootii qabeenya waliin ta’un manneen waliin jireenya miiliyoona 4.4 ijaaruuf karoorri qabamuu Injiinar Ayishaa dubbataniiru.

Comments (0)
Add Comment