Waggoottan darban hojiin dubartoota fayyadamoo taasisuu fi hirmaannaa isaanii cimsuurratti hojjetame bu’aa argamsiiseera – Obbo Adam Faraahii

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2014 (FBC) – Waggoottan darban hojiin dubartoota fayyadamoo taasisuu fi hirmaannaa isaanii cimsuurratti hojjetame bu’aa argamsiisuu dursaa itti aanaan Preezidaantii Paartii badhaadhinaa Obbo Adam Faraahiin ibsaniiru.
Yaa’ii 1ffaan Liigii Dubartootaa Paartii Badhaadhinaa magaalaa Hawaasatti gaggeeffamaa jira.
Yaa’ichi mata duree ‘Hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa Badhaadhina hunda galeessaaf’ jedhuun gaggeeffamaa jira.
Yaa’icharratti argamuun haasawa kan taasiisan Dursaa Itti Aanaan Preezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faraahiin, Waggoottan darban hojiin dubartoota fayyadamoo taasisuu fi hirmaannaa isaanii cimsuurratti hojjetame bu’aa argamsiisuu eeraniiru.
Badhaadhina dubartootaa mirkaneessuuf hojiin dubartoonni qabeenya horachuun diinagdee biyyaa keessatti qooda isaanii akka ba’an hojjetameen bu’aa gaariin argamuu dubbataniiru.
Dubartoonni dhimma biyyaarratti hirmaachurra darbee sadarkaa murtee kennuurra ga’uu isaanii Preezidaantiin naannoo Sidaamaa Obbo Dassitaa Leeddamoon himaniiru.
Iddoo itti gaafatamummaan hojjetanirratti bu’aa gaarii galmeessuun dandeettii isaanii ifatti mul’isaniiru jedhan.
Miseensonni Liigii Dubartootaa Paartii Badhaadhinaa miiliyoona 2 ga’uu Preezidaantiin Liigii Dubartootaa Paartichaa Aadde Masarat Masqaleen himaniru.
Ijaarsa egeree cimsuun nageenyaa fi tokkummaa biyyaa kabachiisurratti xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu hubachiisaniiru.
Xilahuun Yilmaatu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment