Waggoottan darban Guddinni diinagdee Ityoophiyaa %6.1 galmaa’eera-Obbo Ahimad Shidee

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2015 (FBC)- Waggoottan darban Guddinni diinagdee Ityoophiyaa giddugaleessaan %6.1 galmaa’uu Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shideen ibsan.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee 24ffaa gaggeessaa jira.

Obbo Ahimad Shideen mana marichaaf wixinee baajataa 2016 kan dhiyeessan yoo ta’u, waggottan darban diinagdee Ityoophiyaa giddugaleessaan %6.1 argisiisuu dubbataniiru.

Kunis guddina dameewwan qonnaa, indaastirii fi tajaajilaan galmaa’e ta’uu ibsan.

Galii dhuunfa lammiilee bara baajataa 2011 turee doolaaraa 983 turee baraa baajataa 2014 garaa Doolaaraa kuma 1fi 218tti guddachuu akeekaniiru.

Ta’us, guddinni diinagdee karoora misoomaa waggoota 10 kaa’amee fi guddina dijitii lamaa galmeessuun tattaaffii olaanaa gaafata jedhaniiru.

Waggoottan darban jeequmsi dachaan turan galma qabame ga’uun akka hindanda’ameef sababa ta’uu Obbo Ahmad Shideen dubbataniiru.

Hojiirra oolmaan fooyyessa dinagdee biyya keessaa, raawwiin alergee waggoota booda guddina argisiisuun milkaa’ina ta’uu ibsaniiru.

Invastimantiin alaa fi maallaqni lammiileen Ityoophiyaa biyya alaa jiraatan gara biyyaatti ergan wayita vaayirasiin koronaa turetti raawwii gadaanaa argisiise guddachuu himaniiru.

Waan ta’eefis, galiin alergee meeshaalee marchandaayizdii giddugaleessaan %15 guddina argisiisuu, bara baajataa 2014 yeroo jalqabaaf Doolaara biiliyoona 4.1 walitti qabuun akka danda’ame eeraniiru.

Akkasumas bara baajataa 2014 Doolaara biiliyoona 7.5 lammiilee Ityoophiyaa biyya alaa jiraatan gara biyyaatti erganiiru.

Waggoottan riifoormii sadan invastimantiin alaa giddugaleessaan %3.1 guddina argisiiseera.

Riifoormiiwwan taasifaman irra jireessi galiin dhaabbilee misoomaa mootummaa fi hammi bu’aa guddachuu akkasumas hoggansi koorporeetii fooyya’aa dhufuu eeraniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment