Waggoottan afran darban dameen daldala alaa giddugaleessaan guddina %7 argisiise

Finfinnee, Fulbaana 7, 2015 (FBC)-Itiyoophiyaatti waggoottaan afran darban dameen daldala alaa giddugaleessaan guddina %7 galmeessuu Ministeerrii Pilaanii fi Misoomaa beeksise.

Damee daldala alan qonni gahee olaanaa kan qabu ta’uu kan ibse ministeerichi, irra jireessaan buna, midhaanota zayiitaa fi ililiin akkasumas jimaan oomishaalee daldalaa alaa isaan olaanoo ta’uu beeksiseera.

Bunaa fi ililiin hanga karoorfameen ol bu’aa kan argamsiisan ta’uu ibsameera.

Oomishi albuudaa oomisha alaa irratti dameewwan guddina argisiisuun sadarkaa 2ffaa irratti argamu ta’uu fi keessumaa Warqee gabaa alaatti dhiyeessuun bu’aa olaanaan galmaa’aa jiraachuun eerameera.

Damee maanufaakchariingiin sadarkaa 3ffaan guddina kan argisiise yoo ta’u, oomishaaleen huccuuwwanii gabaa alaaf dhiyaachaa jiraachuun ibsameera.

Dabalataan, damee tajaajilaan bara 2012 keessa Doolaara biiliyoona 4.69 argachuuf karoorfamee Doolaara biiliyoona 4.7 argamsiisuun akka danda’ame eeramuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment