Waggoottan 6’n darban guddinni akeektuuwwan diinagdee gooroo mul’ateera-Dooktar Fitsum Asaffaa

Finfinnee, Sadaasa 10, 2017 (FBC)- Waggoottan 6’n darban tarkaanfiiwwan fooyyessii diinagdee fudhatama jiraniin guddinni akeektuuwwan diinagdee gooroo mul’ataniiru jedhan Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaan.

Ce’umsa diinagdee yeroo dheeraa milkeessuuf haalota dandeessisanirratti qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin mari’atameera.

Waltajjicharratti Dooktar Fitsum Asaffaan, ce’umsa diinagdee yeroo dheeraa milkeessuuf fayyadamummaa teeknooloojii irratti xiyyeeffachuu dhabuun waggoota 60 keessatti guddinni diinagdee eegamu akka hinmul’anne himan.

Waggoottan 60’n darban giddugaleessaan guddinni diinagdee %4.2 galmaa’us, hamma baay’innii ummataa dabalee guddinni diinagdee akka hingalmoofne kaasan.

Ta’us, waggoottan 6’n darban fooyyeessiiwwan diinagdee gaggeeffamaa jiraniin guddinni akeektuuwwan diinagdee gooroo mul’achuu dubbatan.

Waggoottan jijjiiramaattis guddinni %7.2 galmaa’uu yaadachiisanii, raawwiin diinagdee gooroo kurmaana jalqabaa kan bara darbee yeroo walfakkaataan walbira yoo qabamu bu’aa jajjabeessaan galmaa’uu himan.

Ce’umsa diinagdee milkeessuuf damee maanufaakchariingii jajjabeessuu fi deeggarsa taasisuurratti hojjetamaa akka jiru ibsuun, ce’umsa diinagdee bu’aa qabeessa taasisuufis mootummaan damee dhuunfaa fi dhaabbilee faayinaansi waliin hojjechaa jiraachuu akeekaniiru.

Ashannaafii Shibbiruu fi Fiqirtee Kabbadaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment