Waggoottaan sadan darban qofa dhaabbileen Fayyaa 700 ol ijaaramuu ibsame

Finfinnee, Mudde 20, 2017 (FMC) – Paartiin Badhaadhinaa akkaatuma waadaa ummataaf galeen Waggoottaan sadan darban qofa dhaabbileen Fayyaa 700 ol ijaaramuu Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan ibsan.

Paartichi Yaa’ii jalqabaa Hundeeffama isaarratti haaluma waadaa ummataaf galeen fayyaa hawaasaa eeguun dhaloota fayya qabeessa horachuuf hojiilee hedduu hojjechuu himaniiru.

Kanaanis injifannoo bal’aan galmaa’uu Dooktar Darajjeen dubbataniiru.

Fooyyessi imaammataa taasifame dhibee daddarboo fi daddarboo hin taane dursanii ittisuuf bu’aa qabatamaa fiduu kaasaniiru.

Sirna fayyaa rakkoolee uumamaa fi namtolchee dandamachuu danda’u ijaaruuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu himaniiru.

Uwwisa Tajaajila fayyaa waliingahuuf waggoottan sadan darban Keellaawwan fayyaa dandeettii olaanaa qaban 300 ol ijaaramuu dubbataniiru.

Buufataaleen fayyaa 400 fi Hospitaaloonni 81 ijaaramuun tajaajila eegaluu Dooktar Darajjeen eeruu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment