Finfinnee, Caamsaa 9, 2013 (FBC) – Waggoottaan sadan darban keessa damee qonnaarraa bu’aa gaariin argamuu Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.
Dooktar Abiy bu’aawwan dameen Qonnaan waggoottan sadan darban keessa argaman ilaalchisee qabxiilee muraasa ifoomsaniiru.
Dooktar Abiy Fuula miidiyaa Hawaasummaa isaaniin ragaa ifoomsaniin, qonnaa gabaa giddugaleessa godhatee fi Hojmaata misoomaa hojiirra oolchuun cimee itti fufa jedhan.
Akaakuu Oomishaa 10niin lafti hektaarri miiliyoonni 3.2 naannolee 4 keessatti Kilaasteraan misoomaa jiraachuu ibsaniiru.
Oomishaaleen gabaa addunyaarratti barbaadaman bal’inaan oomishamaa jiraachuus himaniiru.
Avookaadoon lafa hektaara kuma 34 fi 371 irratti Kilaasteraan misoomaa akka jiru eeraniiru.
Waggoota lamaan darbaniif yaalirra kan ture misoomni jallisii qamadii bara dhufu oomisha kuntaala miiliyoona 7 oomishuuf kan dandeessisuudha jedhan.
Teeknooloojii fayyadamuun lafa Asiidummaa biyyee hir’isuun lafti hektaarri kumni dhibbi 9 Qamadiin misoomuu himaniiru.
Oomishni Qamadii biyyaalessaas % 13.88 guddina agarsiisuu eeraniiru.
Waggoota sadan darban keessaa damee Qonnaan % 61, Indaastiriin % 21 fi Tajaajilaan % 18 carraan hojii uumamuu himaniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.