Waggootan lamaan darban Ityoophiyaanonni tokkummaan waa hedduu hojjechuu akka danda’an argisiisaniiru-Obbo Dammaqaa Mokonniin

Finfinnee, Mudde 17, 2015(FBC)-Waggootan lamaan darban qormaatilee keessaafi alaa Ityoophiyaa mudatan damdamachuun injifannoowwan galmaa’an Ityoophiyaanoonni tokkummaadhaan waa hedduu hojjechuu akka danda’an kan itti agarsiisan ta’uu Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin ibsan.

Waltajjiin leenjii Ambaasaaddaroota Ityoophiyaa bakka bu’uun biyyoota garagaraa turaniif laatamuu jalqabeerra.

Kayyoon leenjichaa hojilee biyya keessaafi alaatti hojjetaman kan biyya keessatti hojjetamaniin walsimsiisuuf ta’uu Obbo Dammaqaan kan himan.

Ityoophiyaan Dhimma hidha guddicha haaroomsa Ityoophiyaa, daangaa biyyoota ollaa fi waraana Kaaba biyyattiitiin dhiibbaa keessa turuu kan himan Obbo Dammaqaan, hojilee dippiloomaasi biyya keessaafi alaa lammileefi obboleewwan Afrikaa kaan hirmaachisuun hojjetameen injifannoon darabamuu himaniiru.

Haa ta’u malee qormaatileen kunneen bifa isaanii jijjiirrachaa buluun hojii manee hedduun jiraachuu akeekeera jedhan.

Qormaatilee kunneen injifannoon keessa darbuufis tokkuummaafi hojiileen dippiloomaasii beekumsaan dabaalame barbaachisaa ta’uu Obbo Dammaqaan himaniiru.

Kunis dandeettii dippiloomaasii cimaa akka barbaachisu kaasuun dippiloomaatoota buleeyyii fi haaraaf leenjiiwwan itti fufiinsaan kennamaa jiraachuu ibsaniiru jedhaniiru.

Ambaasaaddaroonnii fi dippiloomaatoonni leenjii fudhatanis beekumsa dippiloomaasii argataniin faayidaa fi birmadummaa biyyaaf akka hojjetan Obbo Dammaqaa Mokonnin dhaamaniiru.

Yidnaqaachoo H/Maariyaamtu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment