Waggoota sadan darban Diinagdeen Ityoophiyaa dhiibbaalee jiran dandamachuun % 6.2 guddina agarsiise – Dooktar Fitsuum Asaffaa

Finfinnee, Caamsaa 12, 2015 (FBC) – Diinagdeen Ityoophiyaa waggoottan sadan darban dhiibbaalee jiran dandamachuun % 6.2 guddina galmeessuu Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsuum Asaffaan ibsan.

Karoorri fooyya’iinsa Diinagdee biyya keessaa boqonnaan 2ffaan bara 2016 hanga 2018tti hojiirra oolu qophaa’uu dubbataniiru.

Dooktar Fitsuum gamaaggama raawwii hojii fooyya’iinsa diinagdee biyya keessaa boqonnaa jalqabaa fi qophii karoora boqonnaa 2ffaarratti ibsa taasisaniiru.

Diinagdeen Ityoophiyaa waggoottan sadan darban qormaatilee hedduu dandamachuun giddu galeessaan % 6.2 guddina agarsiisuu eeraniiru.

Raawwii boqonnaa jalqabaa bu’uura taasiisuun karoorri boqonnaa 2ffaa qophaa’aa jiraachuu dubbataniiru.

Karoorri biyyaalessaa kun akka milkaa’u nageenya waaraa mirkaneessuun dhimma ijoo ta’uu kaasaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment