Waggoota lamaa oliif Konteenara keessatti kuufamee kan ture Gajaraan kumni 48, Qottoon(Dhakaraan) kumni 17 fi Haamtuun kumni 10 to’atame

Finfinnee, Hagayya 15, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti Waggoota lamaa oliif Konteenara keessatti kuufamee kan ture Gajaraan kumni 48, Qottoon(Dhakaraan) kumni 17 fi Haamtuun kumni 10 to’atamuu Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee beeksise.

Meeshaaleen waraanaa sagalee hin qabne kunneen kutaa magaalaa Qolfee Qaraaniyoo iddoo addaa Buufata Faanaa jedhamutti to’atamu Komishinichi ibseera.

Meeshaaleen kunneen karaa dhaabbata daldalaa dhiyeessaa fi galchaa meeshalee tajaajilaa obbo Daarsammaa Taaddasaa jedhamuun seeraan ala gara biyya keessaa galuun Konteenara 2 keessatti kuufamee argamuu ibsameera.

Gajaraan kumni 48, Qottoon (dhakaraan) kumni 17 fi Haamtuun kumni 10 to’atame kun eeyyama malee alaa galuu kaayyoo barbaaddameef osoo hin raabsamiin waggoota 2f kuufamee turee komishinichi himeera.

Hordoffii cimaa qaamoleen Nageenyaa fi tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa taasiisan to’atamuu ibsameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment