Finfinnee, Waxabajjii 4, 2013 (FBC) – Preezdaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fi Ministirri Ministeera Saayinsii fi Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo Dooktar Saamu’eel Urqaatoon Yuunvarsiitii Booraanaa eebbisiisaniiru.
Waggoota kurnan itti aanaan keessatti misooma barnootarratti xiyyeeffannoon hojjechuuf karoorfamuu Ministirri Ministeera Saayinsii fi Dhaabbilee Barnootaa olaanoo Dooktar Saamu’eel Urqaattoon haasawa sirna eebbichaarratti taasiisaniin ibsaniiru.
Yeroo ammaa akka Ityoophiyaatti Yuunvarsiitiwwan Mootummaa 51, Yuunvarsiitii fi Koolleejjin dhuunfaa 270 hojii baruu fi barsiisuurratti bobba’anii kan argaman ta’uu himaniiru.
Yuunvarsiitiin Booraanaa sagantaa idilee fi idilee alaan barattoota kuma 15 simatee barsiisuu danda’a jedhame.
Ityoophiyaatti waliin gahiinsi dhaabbilee barnoota olaanoo gaarii ta’us qulqullina barnootaa mirkeessurratti hojjechuun dhimma xiyyeeffannoo barbaadu ta’uu Dooktar Saamu’eel ibsaniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.