Waggoota jijjiiramaa keessa haalonni teeknooloojii fuulduraaf qopheessan uumamaniiru-Ministeericha

Waggoota jijjiiramaa keessa haalonni teeknooloojii fuulduraaf qopheessan uumamaniiru-Ministeericha

Finfinnee, Amajjii 22, 2017 (FMC)-Waggoota jijjiiramaa keessa haalonni teeknooloojii fuulduraatti umamaniif qopheessan mijachuu Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii beeksise.

Ministir Deetaan Ministeerichaa Doktar Yishuruun Alamaayyoo akka ibsanitti, jijjiiramaan booda sagantaan ‘Dijiitaal Itiyoophiyaa 2025 qophaa’ee hojiirra ooluun bu’aalee hedduun damicha keessatti galmaa’aniiru.

Hanga ammaatti lammiileen miiliyoona 11.5 waraqaa eenyummaa dijiitaalaa fudhachuuf galmaa’uu isaanii eeranii hojiin filannoowwan kaffaltii dijiitaalawaa babal’isuus hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Gama walga’iinsa Teeleekoomii fi Elektirooniksii babal’isuun hojiin bu’a qabeessi hojjetamuu eeranii, neetwoorkiin bilbilaa 2G irraa 5G’tti guddachuus dubbataniiru.

Tajaajilawwan mootummaa 800 caalanis oonlaayiniin kennamaa jiraachuu ibsaniiru.

Sirna dijiitaalaa amansiisaa uumuuf hojiilee hojjetameeniin Dhaabbanni Nageenya Saayibarii cimaan ijaaramuus ibsaniiru.

Sagantaa kooderoota itiyoophiyaanotaa miiliyoona 5’niin lammiileen kumni 400 fi kumni 60 leenjiif galmaa’uu himanii kanneen keessaas kumni 100 fi kumni 27 ol waraqaa ragaa fudhachuu dubbataniiru.

Teeknooloojiiwwan fuulduraatti haala mijataa uumuuf hamattoowwan seeraas qophaa’aniiru jedhan.

Adeemsi jijjiiramaa kun humna ministeerichaa cimsuun teeknooloojii waraabuu irraa gara ofii kalaquutti akka ce’uu fi kalaqawwan gabaaf dhiyaatan akka baay’atan gochuus himaniiru.

Mandarri Qulqullinaa, omisha qulqulllina isaa eegggate gabaa alaaf dhiyeessuuf dandeessisu ijaaramuus dubbachuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment