Waggaa tokkotti deeggarsa Hidha Haaromsaaf Birrii biiliyoonni 1.3 walitti qabameera-BKO

Finfinnee, Sadaasa 19, 2015 (FBC)-Naanoo Oromiyaatti ijaarsa Hidha Guddichaa Haaromsa Ityoophiyaaf waggaa tokko keessatti Birrii biliyoonni 1.3 Walitti Qabamuu Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa ibse.

Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa sochiilee misoomaa fi haala yeroo naannichaarratti ibsa midiyaaleef kenneera.

Ibsicha kan kennan Hogganaan biirichaa Obbo Haayiluu Addunyaa, deeggarsaa hidhaa haaromsaaf Birrii miiliyoona 646 walitti qabuuf karoorfamee, birrii biiliyoonaa 1.3 walitti qabamuu ibsan.

Kunis %158 ta’uu eeraniiru.

Dabalataan Obbo Haayiluun akka ibsanitti Naannichatti kurmaana 1ffaatti hojiileen karoorfaman milkaa’inaan raawwatamaniiru.

Naannichi galii baatiiwwan afran darban walitti qabeen galii mana qopheessaa Birri biiliyoona 22.8 walitti qabamuu eeranii kunis kan bara darbeen yoo walbira qabamu Birrii biiliyoona 7.4 yookaan %48.1 calamaa qabaachuu ibsaniiru.

Gama misoomaa qonnaa naannichaan lafti hektaarri miiliyoona 6.5 midhaan gargaraan uwwifamuu himanii, qonnaa gannaatiin midhaan kuntaalli miiliyoona 209 akka eegamu ibsaniiru.

Kana malees, damee barnootaan barattoota miiliyoona 3 oliif nyaanni dhiyaachaa jiraachuu eeranii, manneen barnootaa bu’uuraa boruu kuma 4 fi 378 xumuramuun hoii baruu fi barsiisuu keessatti kanneemaa jira jedhan.

Buusaa Gonofaan hawaasaa tumsuuf Birrii miiliyoona 267 ol walitti qabamuu kaasanii, sagantaa kanaan namootaa deegarsii barbaachisuun miiliyoona 3.5 oliif deeggarsi nyaataa fi uffannaa taasifamuu ibsaniiru.

Haala nageenyaa naannichaa ilaalchisuun ibsa kennaniin, mootummaan nageenyaa waaraa naannichaa mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuu himanii, ummaanis warreen nageenya booressan saaxiluun hojiilee mootummaan hojjechaa jiru akka tumsan waamicha dhiyeessaniiru.

Lalisee Tasfaayeetu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment