Waggaa tokkoffaa yaadannoo Art. Haacaluu Hundeessaaf Albeemni isaa yeroo lubbuun jiru hojjete akka eebifamu himame

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2013 (FBC)- Waggaa tokkoffaa yaadannoo Artiist Hacaaluu Hundeessaaf Albeemni isaa yeroo lubbuun jiru hojjete akka eebifamu himame.

Haacaaluun erga wareegamee amma waggaa 1 guutuufi, Gaafa lubbuun jiru waan hin duune hojjatee darbe, uummata isa jaalatuufi kabajuu biraan gahuuf qophii hunda xummurree jette Haatii warraa Artiist Hacaaluu Hundessaa Aadde Faantuu Damsawu.

Albama Hojii isaa kanas guyyaa itti wareegameetti fi yaadannoo isaaf oolchuufi jedhan. Haceen akkuma  ‘Ani uummata Oromoof qaaliidha’ jedhe Uummannii inni jaalatu Albama isaa Orijinaalaa bitachuun seenaa isaa akka qooddatuufi jedhan.

Yadannoofi kabaja Artis Hacaaluu Hundessaaf namoonnii eebba Albamaafi yadannoo waggaa 1ffaa wareegamuu qaroo sabaa Artiist Hacaaluu kana irratti argamuu barbaadanis yaaddoo koviidii irraa kan ka’ee namoota 450 qofatuu nuuf eeyyamame waan ta’eef uummanni akka nutti hin qabanne jechuunis Hiriyaan isaa Ingiduu Cimsaa dhiifama gaafate.

Sagantichiis magaalaa Finfinnee Hoteela Sky Light tti wiixata dhufuu sa’aa 11:00 gaggeeffama. Haallii ammaa CD waliin deemuu baatus waan Haacaaluu of harkaa qabnuufii ittin yaadannuu isa waan ta’eef jedhe Obbolessii Artisti Haacaaluu Sisaay Hundessaa.

Yaadanichaafis CD 300,000-500,000 qophaa’uufi qaamnii CD kana rabsuu barbaaduu Magaaloota Gurguddoo Oromiyaa akka argamuufi Albamichas Proomooshinii Wabii irraa fudhachuu danda’u jedhe.

Sirbi kana dura hatamee ba’e Galatoomaa jedhu dabalatee sirboota 14, qaba. Sirbichiis kan hatame namoota kabaja Art. Haacaaluuf hin qabneen kan raawwatame ta’us ibsame. Haacaaluun Albama 2 fi sirboota qeenxee 7 hojjachuun isaa ni beekama OBNtu gabaase.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf:-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment