Waggaa lama booda yaaliin balallii jalqabaa gara Shireetti taasiifame

Finfinnee, Sadaasa 7, 2015 (FBC) – Waggaa lama booda yaaliin xiyyaaraan deeggarsa namooma dhiyeessuu har’a gara Shireetti taasiifamuu ibsameera.

Balalliin kun eegaluun isaa dhiyeessii deeggarsa namoomaa gara naannichaatti taasiifamu kan saffisiisu ta’uu eerameera.

Lammiilee miidhamaniif deeggarsa namoomaa hatattamaan dhiyeessuuf qooda olaanaa qabaachuu Koreen Qaxxaamura Diimaa Idil Addunyaa beeksiseera.

Waldaan Qaxxaamura Diimaa Idil Addunyaa konkolaattonni deeggarsa yeroo hatattamaa fi meeshaalee yaalaa fe’an guyyaa kaleessaa Maqalee galuu isaanii beeksisee ture.

Qorichaaleen magaalaa Maqalee ga’an kunneen lammiilee deeggarsa yaalaa hatattamaa barbaadaniif kan oolu ta’uu waldichi fuula miidiyaa hawaasummaa isaan ibseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment