Finfinnee, Bitootessa 6, 2013 (FBC)- Waggaa dhufuu hanga baatii Muddee 30, 2014tti lammiilee %20f talaallii vaayrasii koroonaa laachuuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa beeksise.
Ministeerichi kutaalee hawaasaa dursii laatamuufi qabu sadarka sadarkaan laachuuf qophiin duraa xumuramuu Ministir deettaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa ibsaniiru.
Ityooophiyaatti tamsa’inni vaayrasii koroonaa dabaluu fi sababa vaayrasichaatin lakkoofsii namootaa dhibeechii itti cimee fi lubbuun darbanii guyyaa gara guyyaatti dabalaa jiraachuu ibsameera.
Hawaasni of eeggannoo cimaa taasisuu akka qabuu Dooktar Darajjeen ibsaniiru.
Mootummaan marsaa jalqabaatin talaallii vaayrasii koroonaa miiliyoona 2.2 fudhachuun isaa ni yaadatamaa.
Sadarkaa biyyaleessatti Sanbataa darbee talallichii ifaatti laatamuu kan eegaale.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.