Waggaa 88ffaan hundeeffaama Humna Qilleensaa kabajamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 28, 2016 (FBC)-Guyyaan hundeeffama Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa waggaa 88ffaan kabajamaa jira.

Guyyaan hundeeffamichaa mata duree “Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa wareegamaan biyyaa ijaare” jedhuun kabajamaa jira.

Kabajamuu guyyichaan walqabatees qondaaltonni olaanoo mootummaa fi miidiyaaleen dawwaannaa taasisaniiru.

Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Leetenaal Jeneraal Yilamaa Mardaasaan, kaayyoon daawwannichaa, Humni Qilleensaa humna namaan, hidhannoo fi bu’uuraalee misoomaa loltummaan Itiyoophiyaa kan gitu ta’uu beeksisuuf ta’uu ibsaniiru.

Dabalataan sadarkaa teeknooloojii humni qilleensaa irra ga’e hubachiisuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsan.

Humni Qilleensaaa ergama isa gootummaan raawwachaa turuu yaadachiisanii, har’as bu’uura rifoormii dhaabbatummaan gufuulee mudatan darbuun, humna namaa fi teeknooloojiin of gurmeessuun, humna qilleensaa amansiisaa uumuuf xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Naannoo balalii humna qilleensaa, istaadiyamii haaraa ijaarame, bakka bashannanaa fi xiyyaara nam-maleeyyii daawwataniiru.

Daawwannicharrattis Moggaasaa “Xiqur Anbassaa” jedhuun argisiisni xiyyaarota garaagaraan dhiyaahuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment