Finfinnee, Sadaasa 19, 2017 (FBC)- Waggaa 5ffaa Hundeeffama Paartii Badhaadhinaa sababeeffachuun Agarsiisni suuraa Finfinnee Golambaa Saayinsiitti banameera.
Saganticharratti Ministira Muummee Itti Aanaa fi Pireezidaantii Itti Aanaa Paartii Badhaadhinaa Tamasgeen Xurunaa, Sadarkaa Ministira Muummee itti Aanaatti Itti Gaafatamaa Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Diimookiraasii fi Itti Aanaa Paartii Badhaadhinaa Adam Faaraah, Afyaa’ii Mana Maree Federeeshinii Aganyawu Tashaagarii fi qondaaltonni paartii fi mootummaa biroon argamaniiru.
Agarsiisichi hundeeffama paartichaa irraa eegalee sadarkaa amma irra ga’e suuraawwan argisiisaan daawwannaaf banaa ta’uu ragaan paarticharraa argame ni ul’isa.
Waggaa 5ffaan hundeeffama Paartii badhaadhinaa mata duree “Olaantummaa yaadaa badhaadhina hundagaleessaaf” jedhuun sagantaalee garaagaraan kabajamaa jira.
#Oromia #Ethiopia