Waggaa 3 keessatti uwwisa Ashaaraa magariisaa % 30 ga’uuf hojjetamaa jira – Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Waxabajjii 27, 2015 (FBC) – Finfinneetti Waggaa 3 keessatti uwwisa Ashaaraa magariisaa % 30 ga’uuf hojjetamaa jiraachuu Kantibaan magaalichaa Aadde Adaanach Abeebeen ibsan.

Waggoota Arfan darban keessaa uwwisni ashaaraa magariisaa % 2.8 irraa gara % 15 guddachuu Aadde Adaanach fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Bara kana sadarkaa magaalichaatti biqiltuuwwan miiliyoona 17 dhaabuuf hojjetamaa jiru dabalatee waggoota sadan dhufu keessa waliigalaa biqiltuuwwan miiliyoona 50 dhaabuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Kunis uwwisa ashaaraa magariisaa magaalichaa % 30 kan ol guddisu ta’uu fi magaalaa miidhagduu jiraattootaaf mijooftuu taate uumuuf muul’ata qabame dhugoomsa jedhaniiru.

Guyyaa har’aas sagantaa Raayyaa nageenyaa kuma 17, qaamolee nageenyaa fi kutaa hawaasaa hirmaachisuun biqiltuuwwan miiliyoona 1 dhaabuu eegalchiisaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment