Waggaa 3 dura Riqichi guyyaa eebbaa dhabame ammas ijaarramaa jira jedhame

Finfinnee, Amajjii 20,2012(FBC)- Waggaa 3 dura magaalaa Adaamaatti Riqichi ijaarrame jedhame guyyaa eebbaa dhabamee ture ammas bifa haaraan ijaarramaa jira jedhame.
 
Waggaa 3 dura magaalaa Adaamaatti Riqichi ijaarrame jedhamee guyyaa jala bultii Eebba isaatti dhabame turuun isaa kan yaadatamuudha.
 
Namoota dhabamuu riqicha kanaa keessaa harka qaban irratti tarkaanfiin fudhatamun, hojiin isaa kontiraaktera biraatti kennamu bulchinsi magaalaa Adaamaa beeksiseraa.
 
Magaalaa Adaamaa Gandaa Dagaaggatti waggaa 4 dura Riqichi Birri Miiliyoona 6 fi kuma dhibba 8n kontiraaktera zalaalam Abdannaa jedhamuun ijaarramee kaffaltii guutuun raawwatameera.
 
Guyyaa laja bultii eebba isaatii riqichi ijaarrame jedhame hafteen jigaa isaa akka hin mul’annetti halkan guurramee waan lolaan fudhate fakkeessuuf yaallamee ture.
 
Eeruu fi gaaffii uummataan namoonni gocha kana keessatti hirmaataan seeraan akka gaafatamaan ta’ee jira.
 
Hojiin Ijaarsa riqicha kanaa yeroo amma bifa haaraan ,Dhabbata Ijaarsaa waliigalaa Idiris Ahimaad fi Dhaabbata gorsaa ‘TCD’ jedhamutti kennamee hojjatamaa jira jedhameera.
 
Ijaarsi isaas yeroo ammaa % 65 irra ga’uu isaa
hojii gaggeessaan dhaabbata Ijaarsichaa Obbo Idiriis Ahimaad dubbataniiru.
 
Akka OBNn gabaaseetti Magaalichatti proojaktoonni hojiin isaanii harkifatanii fi haaraan hojjatamaa jiran qulqullinaa fi ariitiin akka xumuramaniif hordoffiin taasiifamaa jiraachuu hojii gaggeessaan mana qopheessaa bulchiinsa magaalaa Adaamaa obbo Birihaanuu Dameehimaniiru.
 
 
Comments (0)
Add Comment