Wacni kamiyyuu injifannoo uummata Oromoo duubatti hindeebisu – Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Guraandhala 19, 2015 (FBC) – Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan Bulchiinsa magaalaa Shaggar ifatti hojii eegalchiisaniiru.

Wacni kamiyyuu injifannoo uummata Oromoo duubatti hindeebisu jedhaniiru.

Sirnoonni darban aarsaa olaanaa uummata Oromoo kanfalchiisuu Pireezidaanti Shimallis haasawa sirna hojii eelchiisuu magaalichaarratti taasiisaniin ibsaniiru.

Uummanni Oromoo obsaan qabsoo boqonnaa jireenyaa baayyee keessa darbeera jedhan.

Keessattuu uummatni Tuulamaa rakkoo isa mudatu guyyaa tokkoo otoo hin jilbiiffatin injifannoo kanaaf ga’ee jedhan.

Hundaa’uun magaalaa shaggar injifannoo seenaa qabeessaa fi boqonnaa haaraadha jechuun ibsaniiru.

Finfinneen bakka qonnaan bulaan Oromoo itt miidhamee fi dhiibbamaa ture ta’uu kaasaniiru.

Magaalaan Shaggar Magaalaa seenaa qabessaa fi waggoota 50 dhufanitti magaaloota Afrikaarratti beekkamtu akka taatuuf kan hojjetan ta’uu eeraniiru.

Finfinnee tiksuu fi Ummata Utuubaa diinagdee, hawwasummaa fi siyaasaa ta’ee tajaajiluuf magaalaan Shaggar hundaa’uu himaniiru.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment