Wabii nyaataa Ityoophiyaa milkeessuuf qindoominaan ni hojjetama – Injinar Ayishaa Mahaammad

Finfinnee, Qaammee 3, 2014 (FBC) – Bara baajata kana mul’ata Wabii nyaataa Ityoophiyaa milkeessuuf Abbootii qabeenyaa damichaa waliin qindoominaan ni hojjetama jedhan Ministirri Ministeera Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Injinar Ayishaa Mahaammad.
Injinar Ayishaan barri haaraan kan nageenyi itti mirkanaa’u, jaalalli itti dangaaguu fi hojiileen misoomaa eegalaman itti milkaa’an akka ta’u hawwaniiru.
Barri darbe bara qormaatileen hedduun itti mudatan ta’us wantoonni hedduun milkaa’uu turtii Faanaa Broodkaastiing Korporeet waliin taasiisaniin ibsaniiru.
Ityoophiyaan biyya lafa bal’aa fi kuufama qabeenya bishaanii hedduun qabdu ta’uu kaasaniiru.
Qabeenya kana haalaan misoomsuuf qindoominaan ni hojjetama jedhan.
Manni hojii isaanii abbootii qabeenyaa biyya keessaa fi alaa Meekaanaayizeeshinii qonnaa fi Invastimantiirratti hirmaatan maraaf tumsa barbaachisu kan taasiisu ta’uu mirkaneessaniiru.
Mul’atan midhaan nyaatan of danda’uu Ityoophiyaa milkeessuuf abbootii qabeenyaa damichaa waliin qindoominaan ni hojjetama jedhan Injiinar Ayishaan.
Fayyadamummaa diinagdee Horsiisee bultootaa mirkaneessuun guddina diinagdee biyyaaf qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru.
Bara haaraa kanatti humnoota biyya diiguuf ergama fudhatanii socho’an hunda injifachuun abjuu isaanii ni fashaleessan jedhan.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment