Waayita Ayyaanaa hanqinni dhiyeessii Zayita nyaataa akka hin mudanneef hojjetamaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Hagayya 26, 2016 (FBC) – Dhaabbanni Misooma Galteewwan Indaastirii hanqinni dhiyeessii Zayita nyaataa akka hin mudanneef hojjetaa jiraachuu ibseera.

Ayyaana bara haaraatiif hanqinni dhiyeessiis ta’e qaala’iisi gatii zayita nyaataa akka hin mudanneef zayinni gara biyyaa galaa jiraachuu, Hojii Gaggeessituu Ittaantuun Dhaabbata Misooma Galteewwan Indaastirii Aadde Yirgaalem Inniyyawu ibsaniru.

Bittaan Zayita nyaataa liitira miiliyoona 28.3 rawwatame keessaa keessaa liitirri miliyoonni 1.2 buufata Meeshaalee Indoodeerraa gara Naannoleefi Finfinneetti geejjibsiifamaa jiraachuu kaasaniiru

Zayitni Suufii liitirri miiliyoona 54.3 bitamuun gara biyyaatti geejjibsiifamuu jalqabuu himuu isaanii TOI gabaaseera.

Akkasimas Sukkaarri kuntaalli kuma 200 bitamuun torban dhufurraa eegalee gara biyyaatti kan geejjibsiifamu ta’uu dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment