Waatis -Aap bilbiloota sochootu ammayya’orratti tajaajila laachaa ture dhaabufi

Finfinnee, Amajjii 25, 2012 (FBC) – Waatis -Aap bilbiloota sochootu ammayya’orratti tajaajila laachaa ture akka dhaabu beeksise.

Appilikaashiniin Waatis –Aap jedhamu suuraa fi barreeffama wal jijjiiruuf fayyadu bilbiloota sochootuu ammaayya’orratti tajaajila laataa ture akka adda kutu beeksiseera.

Kayyoon isaa oopireetiing sistemiin isaanii ammaayya’uu kan hin dandeenye bilbiloota sochootuu Andirooydii fi Aayfoonirratti hojiirra akka oolchu ibseera.

Tarkaanfichi nageenya odeeffannoo maammiltoota isaa eeguuf akka ta’e dhaabbatichi himeera.

Bu’uuruma kanaan Ayifoon opireetiing sisteem IOS 8 dabalatee kana dura bilbiloota oomishaamanirratti tajaajila laatu akka dhaabu beeksiseera.

Akkasumaas Andirooyid 2,3,7 fi kanaan dura oopireettiing sistemiin isaanii kan hin ammayyoofne irratti tajaajila laatu akka adda kutu himeera.

Hojirra olmaacharrattis fooyya’insa taasisaa akka jiru kan ibse dhaabatichi, kunis nageenya odeeffanno isaa eegurra darbe maamiltoonni fula sobaa banuun odeeffanno burjaaja’a fi haasaa jibbinsaa akka hin tamsaaneef kan gargaaru ta’u beeksiseera.

Maddi:-BBC

Comments (0)
Add Comment