Waashingitan paakkeejii deeggarsa waraanaa isa dhumaa bara kana Yuukreeniif kennitu ifoomsite

Finfinnee, Mudde 18, 2016 (FBC) – Waashingitan paakkeejii deeggarsa waraanaa isa dhumaa bara kana Yuukreenif kennitu ifoomsiteerti.

Kiyeev deeggarsa dabalataa Doolaara miiliyoona 250 Ameerikaarraa kan argattu ta’uu Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkan ibsaniiru.

Deeggarsi kun meeshaalee waraanaa garaagaraa kan of keessatti hamate ta’uu ‘The National News’ gabaaseera.

Paakkeejjii deeggarsa waraanaa yeroo ammaa taasiifame kana hordofee miseensonni Koongiresii birratti garaagarummaa olaanaan uumamuu ibsameera.

Waraana Yukreen Raashiyaa waliin taasiisaa jirtuuf tumsa barbaachisu gochuun dhimma ijoo Ameerikaa ta’uu Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan ibsaniiru.

Pireezidaanti Joo Baayidan baatii Onkololeessaa keessa Doolaarri miiliyoonni 60 deeggarsa Yuukreeniif dhiyaatu akka ragga’u gaafatanii turan.

Yaa ta’uutii gaaffichi hanga ammaatti seera baaftootaan kan raggaane yoo ta’u, miseensota mana marichaa lamaan irraa mormii cimaan mudateera jedhame.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment