Finfinnee, Amajjii 1, 2014 (FBC) – Waancaa Afrikaa 33ffaa bara kana gaggeeffamuun biyyoonni 24 ramaddii 6’tti qoodamanii waliin morkatu.
Taphattoonni liigoota gurguddoo biyyoota Awurooppaa keessatti maqaa gaarii qaban kanneen akka:- Mohaammad Saalaa , Riyaad Maarez, Sadiyoo Maanee fi kanneen biroo waancaa Afrikaa 33ffaa kanaaan biyya isaanii bakka bu’uun miidhagina waancichaa dabaluun eegama.
Tapha baniinsaa qopheessituun waancichaa Kaameeruun Burkiinaa Faasoo waliin sa’aatii 1:00 taasiiftu si’oominaan eeggamaa jira.
Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Ityoophiyaa galgala sa’aatii 4:00 tti Keepvardii waliin ni taphata.
Ityoophiyaan Waancaa Afrikaa 33ffaa kanaan ramadii 1ffaa jalatti Kaameruun, Burkinaa Faasoo fi Keepvardii waliin ramadamuun ishee kan yaadatamuudha.
Ityoophiyaan bara kana yeroo 11ffaaf waancaa Afrikaarratti kan hirmaattu yoo taatu, Keepvardiin ammoo yeroo 3ffaaf hirmaatti.
Ityoophiyaan waancaa Afrikaa tokko yoo fudhattu Keepvardiin hin fudhanne.
Sadarkaa kubbaa miilaa biyyoota addunyaa FIFA’n ji’a darbeen Ityoophiyaan addunyaarraa 137ffaa yoo qabattu, Afrikaarraa ammoo 40ffaa jirti.
Morkaattuun Ityoophiyaa Keepvardiin ammoo addunyaarraa sadarkaa 73ffaa Afrikaarra 14ffaarratti argamti.
Taphni biyyoota lamaanii galgala sa’aatii 4’tti ni eegala.
Tilmaamni injifannoo Itiyoophiyaa kennameera.
Dajanuu Gonfaatu gabaase.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.