Finfinnee, Sadaasa 11, 2015 (FBC) – Waancaan Kubbaa Miilaa Addunyaa 22ffaan har’a Kuwaataariitti ni eegala.
Sirni baniinsaa Istaadiyeemii namoota kuma 60 qabachuu danda’u Istaadiyeemii Al Baayitiitti ni gaggeeffama jedhame.
Sirna baaniinsaa booda galgala sa’aatii 1:00 irraa eegalee taphni baniinsaa Kuwaataarii fi Ikkuwaadoor gidduutti ni gaggeeffama.
Dorgommii baatii tokkoof turu kana daawwattoonni miiliyoona 1.5 ta’an Istaadiyeemiitti argamuun ni daawwatu jedhame.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.