Waancaa Awurooppaan Xaaliyaaniin tapha moo’atanii darbuuf dabarte

Finfinnee, Waxabajjii 17, 2016 (FBC) – Taphoota Waancaa biyyoota Awurooppaa halkan kana taphatameen Xaaliyaaniin Kirooshiyaa waliin qixa baatus tapha moo’atanii darbuuf dabarteerti

Tapha marsaa xumuraa ramaddiiwwanii halkan kana biyyoota ramaddii ‘B’ gidduutti gaggeeffameen Albaaniyaan Ispeeniin injifatamuun Iskootilaanditti aanuun biyya taphicharraa gaggeeffamte 2ffaa taaterti.

Kirooshiyaan Xaaliyaanii waliin galchii 1qixa yoo xumurtu, Ispeen galchii 1 fi 0n Albaaniyaa injifatteerti.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment