Waancaa Awurooppaan har’a taphni Ispeen Xaaliyaanii fi Deenmaark Ingilaandi waliin taphatan hawwiin eegama

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2016 (FBC) – Taphoota Waancaa Awurooppaa 17ffaan har’a taphni Ispeen Xaaliyaanii fi Deenmaark Engilaandi waliin taphatan hawwiin eegama.
Taphoota marsaa 2ffaa taphatamaa jirun har’a waaree booda sa’aatii 10:00 irraa eegalee Islooveeniyaa fi Sarbiyaan waliin falmatu.
Galgala sa’aatii 1:00 eegaluun taphni Deenmaark Ingilaandi waliin taphattu tapha si’oominaan eegaman keessaa isa tokkoodha.
Akkasumas halkan sa’aatii 4:00 irraa jalqabee taphni Ispeen Xaaliyaanii waliin taasiiftu tapha cimaa hawwiin eegamuudha.
Waancaa Awurooppaa 17ffaa Jarmanitti taphatamaa jiruun hanga ammaatti taphoonni 15 kan taphataman yoo ta’uu, taphoonni 3 qixaan yoo xumuraman, kan hafan wal injifannaan xumuramaniiru.
Taphoota kanneenirratti galchiiwwan 42 galaniiru.
Comments (0)
Add Comment