Waancaa Afrikaan har’a morkiin Leencoota Atilaasiifi Bafanaabafanaa ni eegama

Finfinnee, Amajjii 21, 2016 (FBC) – Taphoota waancaa Afrikaan har’a galgala morkiin Leencoota Atilaasiifi Bafanaabafanaa akkaan eegama.

Waancaa Afrikaa bara kanaan biyyoonni waancaa fudhatuun eegamaa turan kanneen akka Gaanaa, Masir, Seneegaal faan taphichaan ala ta’uun biyya shaampiyoonaa ta’u tilmaamuun ulfaateera.

Tapha Waancaa Afrikaa 34ffaa galgala kana taphatamuun sa’aatii 2’tti Maaliifi Burkinaa Faasoon morkiin taasisan ni eegama.

Biyyoonni lamaan tapha kanaan dura waliin taasisan 21’n Burkiinaan yeroo 5 yoo injifattu, Maaliin yeroo 13 injifachuun olaantummaa qabdi.

Yeroo 3 ammoo qabxii qooddataniiru.

Biyyoonni lamaan waancaa Afrikaarratti bara kana yeroo 13ffaaf hirmaachaa kan jiran yoo tahu, qabxiin gaariin isaan waancaa Afrikaarratti galmeessan sadarkaa 4ffaan xumuruudha.

Galgala kana taphni xiyyeeffannoo argate tapha Leencoonni Atilaas Bafanaabafanaa waliin halkan sa’aatii 5’tti taasisaniidha.

Morookoon garee qindoomina cimaa qabuufi taphattoota tapha jijjiiruu danda’an kan of keessatti qabate tapha kana olaantummaan goolabaan tilmaama duraa argattee jirti.

Afirkaan Kibbaas tapha kanaan laayyootti waan harka kennuti miti.
Morookoon bara kana yeroo 20ffaaf waancaa Afrikaarratti qooda fudhachaa kan jirtu yoo taatu, erga bara 1976 shaampiyoonaa taate bara kana yeroo waancaa itti lammeeffattu jedhamaa jira.

Afrikaan kibbaa waancaa Afrikaarratti bara kana yeroo 11ffaa qooda fudhachaa kan jirtu bara 1996 shaampiyoonaa taatee turte.

Biyyoonni lamaan tapha kanaan dura waliin taasisan 8 keessas Morookoon lama yoo injifattu, Afrikaan kibbaa yeroo sadi injifachuun, taphoota sadi ammoo qabxii qooddataniiru.

Tapha kana Morookoon ni injifattiin tilmaama argattee jirti.

Dajanuu Gonfaatiin

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment