Waan karoorfanne jechaan osoo hin taane gochaan hojjennee agarsiisaa jirra. obbo Dhaabaa Dabalee

Finfinnee, Bitootessa 16, 2013 (FBC) – Qamadii Gannaafi Jallisiin oomishame kuntaala miliyoona 1 gabaa biyyolessaaf dhiheessuuf waliigalteen mallattaa’e.
Yuuniyeenota qonnaan bulaarra 40 irraa qamadii kuntaala miliyoona 3 ol bitamuuf Ministeerri Maallaqaa fi Walta’iinsa Diinagdee Birrii Biiliyoona 3.8 dhiyeessuu obbo Dhaabaan ibsaniiru.
Qamadii alaa galu biyya keessatti oomishuun bakka buusuuf hojii Qonna Gannaafi Jallisiin hojjetameen qonnaan bultoonni karaa yuuniyeenii isaanii kuntaala miliyoona tokko akka dhiheessaniif yuuniyeenonni 15 Kooppereeshiinii Hojii Daldala Iyoophiyaa fi Komiishinii Bulchiinsa Ittisa Sodaa Balaaf biyyoolessaaf akka dhiheessaniif waliigalteen mallattaa’ee jira.
Yuuniyeenota akka Oromiyaatti qamadii dhiheessuu danda’an 40 irraa oomisha qamadii kuntaala 4, 613, 000 bituuf kan karoorfame yoo ta’u, guyyaa har’aa immoo yuuniyeenota 15 irraa qamadii kuntaala miliyoona 1 bituuf waliigalteen mallattaa’ee jira.
Yuuniyeenotaa fi Kooppereeshii hojii Daldala Ityoophiyaa fi Komiishinii Bulchiinsa Ittisa Sodaa Balaa bakka Ministeerri Maallaqaa fi Walta’insi Dingdee fi Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa akkusumas Ejensiin Babal’ina Waldaalee Hojii Gamtaa Oromiyaa argamanitti mallattaa’eera.
Hanga Ji’a Adoolessattis, yoo xiqqaate qamadii kuntaala miliyoon 3 akka barbaadaniif hanga Ji’a Adoolessaa walakkaatti akka dhiyaatuuf obbo Ifreem ibsaniiru. Hojii amma jalqabameenis, waggaa dhufutti qamadii alaa galchuu guutummaatti akka dhaabnu kan nutti agarsiisudha jechuunis Obbo Ifreem Walda Sillaasee Sadarkaa Deettaa Ministeeraatti Gorsaan Ministira Maallaqaa fi Walta’insa Dinagdee ibsaniiru.
Komiishiniin Bulchiinsa Sodaa Balaa Biyyoolessa giddu-galeessa Adamaa fi Shaashamanneetti fudhachuuf Ministeera Maallaqaarraa qarshii waan argataniif gatii madaalawaatiin bitachuuf qophaa’oo ta’uu obbo Ayiduris Hussen ibsaniiru.
Yuniyeenonnis, liqii ittiin qamadii qonnaan bulaarra bitan akka dhiheessaniif obbo Waachoo Damisee Hojii Gaggeessaan Koopperreshinii Hojiiwwan Daladalaa Ityoophiyaa ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment