Waan fayyadu cimsuun bara haaraa simachuu qabna – Abunee Maatiyaas

Finfinnee, Qaammee 6, 2015 (FBC) – Paatiriyaarikiin Mana Amantaa Ortodoksii Waloomaa Itiyoophiyaa qulqulluu Abune Maatiyaas bara haaraa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Paatiriyaarikiin jalqabaa dursaan qondaala Phaaphaasii Itiyoophiyaa Hangafni Phaphaasii Aksum teessoo Taklahaaymaanot eebbifamoo Abunee Maatiyaas Waan fayyadu cimsuun bara haaraa simachuu qabna jedhan.

Bara baraan bakka buusuun uumama kan nyaachisuu fi qajeelchu waaqayyoon yaa galatamuu, baga bara Luqaasirraa gara Bara Yohaannisii nagaan geenye jechuun dabarsaniiru.

Barri namni nagaan hojjete jireenya isaa sirnaan akka dursu, waaqa akka ayyaaneffatu, barachuun beekkumsa argatee qalbii jijjiirachuun akka of sirreessu kennaa waaqayyoo ta’uu isaan baroota sirnaan fayyadamuun gaariidha jechuun ibsaniiru.

Seenaa badaa darbe dhiisuun waan gaarii cimsachuun bara haaraa simachuu qabna jechuun ergaa dabarsaniiru.

Eeyyamni Waaqayyoo Haloo fi jibbiinsarraa fagaachuun jaalalaan, waloomaan, obsaa fi mariin hojjechuu ta’uu eeraniiru.

Walqooduun, haloo walitti qabachuun, waltuffachuun, faayidaa dhuunfaa qofa kabachiisuuf tattaaffachuun faayidaa fi tokkummaa biyyaa itti fufsiisuun hin danda’mu waan ta’eef yaadoota akka kanaa bara moofaa waliin dhabamsiisuun murteessaa ta’uu dhaamaniiru.

Rakkoolee marii fi seeraan hiikaa tokkummaa biyyaa fi ummataan murkaneessuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Barri haaraan bara jaalalaa,nageenyaa, araaraa, dhiifamaa fi fayyaa akka ta’uu hawwaniiru.

Bara haqni itti mirkanaa’u, sagaleen dhukaasaa itti dhabamu, waliigaltee akka ta’u lammiileen Itiyoophiyaa akka kadhatan waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment